Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Misoomaa Mootummaa Itiyoophiyaa gara carraa hojii ceesisuutti ce’aa jiru- Baankii Addunyaa

Finfinnee, Bitootessa 29, 2018 (FMC) – Dhaabbileen Misoomaa Mootummaa Itiyoophiyaa baajata biyyattiitti ba’aa ta’uurraa gara carraa hojii ceesisuutti ce’aa jiru jedhe Baankiin Addunyaa.

Baankichi barreeffama mata duree “ Baajatatti ba’aa ta’uurraa hanga carraa hojii sochoosuutti” jedhuun baaseen jijjiirama damichaan argame ibseera.

Intarpiraayizoonni kunneen waggoottaniif galii argataniin hojiilee isaanii sochoosuu dadhabanii baajata mootummaatti ba’aa ta’anii turuu yaadachiiseera.

Dhaabbileen kunneen galiifi qabeenya isaanii gara bu’aa qabeessummaatti jijjiiruuf rakkachaa akka turanis ibseera.

Intarpiraayizoonni kunneen haalaan oodit kan hin godhamne, sirnoonni faayinaansii isaanii yeroofi akkaataa barbaachisaa ta’een kan hin gamaaggamamneefi hojimaata ifa ta’e kan hin qabne turan jedhe.

Rakkoo caaseffamaa dhaabbilee kanneenii furuun gara bu’aa qabeessummaatti akka ce’aniif hojiileen riifoormii hojjetaman carraa hojii akka sochoosan dandeessisuu eereera.

Akka fakkeenyaatti baatiiwwan salgan bara baajataa 2017 qofatti qoqqoodiinsa bu’aa Doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 20( Birrii biiliyoona 19) mootummaaf galchuu yaadachiiseera.

Kunis dhiibbaa bajata mootummaarra ture hir’isuun galii dabalataa miindaa, dhiyeessii elektirikaafi tajaajila uummataaf oolu ta’uu akka danda’e ibseera.

Baankii Addunyaatti Daayrektarri Itiyoophiyaa Maariyaam Saalim akka jedhanitti, Itiyoophiyaan hojimaata dhaabbilee misoomaa mootummaa ammayyeessuun damichaan guddina galmeessisaa jirti.

Kana malees sirna bulchiinsaa dhaabbilee cimsuun fi qabeenya uummataa galmoota misoomaa waliin walsimsuun carraa hojii uumuufi guddina damee dhuunfaan hogganamuuf daandii haaraa saaqaa jiraachuu ibsaniiru.

Hayilamaariyaam Taganyiin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.