Dhaabbileen Sirna diimookiraasii mirkaneessan ciccimoon ijaaraman – Dooktar Biqilaa Hurrisaa
Finfinnee, Sadaasa 3, 2018 (FMC)- Dhaabbileen Sirna diimookiraasii Itiyoophiyaa mirkaneessuu danda’an ciccimoon ijaaramaniiru jedhan Paartii Badhaadhinaatti Hogganaan Hariiroo Ummataa fi Idil Addunyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan.
Fooramiin 3ffaa biyyoota miseensa Misooma Mootummoota Baha Afrikaa mata duree “ nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf gahee dhaabbilee diimookiraasii biyyaalessaa’ jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Dooktar Biqilaa wayita kanatti haasawaa taasisaniin, tattaaffiin IGAD tumsa naannawichaa cimsuuf taasisu kan dinqisifatamu ta’uu himan.
Itiyoophiyaan waggoottan darban of bira darbitee nagaaf tasgabbiin naannawichatti akka mirkanaa’uuf kan dandeessisu riifoormii dhaabbilee taasisuus ibsaniiru.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad nageenya mirkaneessuuf gahee bahataniin Noobeelii Nageenyaa argachuu ibsuun, riifoormii dhaabbilee diimookiraasiin bu’aan galmaa’uu eeraniiru.
Itiyoophiyaan akka miseensa biyyoota IGAD tti dhaabbilee diimookiraasii cimsuun bulchiinsa gaarii uumuun nageenya naannawichaaf gahee olaanaa bahataa jiraachuu kaasaniiru.
Yaa’icharratti Itiyoophiyaan sirna diimookiraasii mirkaneessuuf ijaarsa dhaabbileen hojiilee hojjette irratti biyyoota miseensa IGAD’f muuxannoo qooddeetti.
Haaluma kanaan Dhaabbilee Komishinii Farraa Malaamaltummaa, Haqa, Boordii Filannoo Biyyaalessaa fi Nageenyaan humna qindeessuu fi fooyyeessiwwan taasisuun bu’uura cimaa akka qabataaniif hojiileen heddu hojjetamuu kaasaniiru.
Dirre siyaasaa babal’isuunis waggoottan torban darban hojiileen bu’a qabeessi hojjetamuu dubbataniiru.
Kunis Itiyoophiyaan dhaabbilee diimookiraasii cimaa ijaaruuf xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jiraachuu ishee agarsiiftuudha jedhan.
Heebroon Waaltaawutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo