Dhagaan cilee biyya keessatti oomishamuu eegaluu isaan gatiin Simmintoo fi meeshaalee ijaarsaa akka tasgabbaa’u taasise – Injinar Habtaamuu Taganyi
Finfinnee, Guraandhala 11, 2018 (FMC) –Godina Wallagga Bahaa Aanaa Diggaatti kan ijaarame Warshaan Dhagaa Cilee Arjoo har’a eebbifameera.
Warshaan kun bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaalaa fi naannolee argamanitti sirna ho’aa ta’een eebbifameera.
Jijjiiramaan booda Itiyoophiyaan damee Albuudaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjetaa jiraachuu Ministirri Ministira Albuudaa Injinar Habtaamuu Taganyi sirna eebbichaarratti ergaa dabarsaniin himaniiru.
Itiyoophiyaan tarree biyyoota qabeenya dhagaa cilee hedduu qaban keessatti ramadamtus sirnaan itti fayyadamaa hin turre jechuun ibsan.
Waggaa lamaan dura waggaatti Doolaara miiliyoona 300 baasii gochuun dhagaa cilee dhiqamaa alaa galchaa turuu dubbatan.
Kana dura dhagaan cilee oomisha Simmintoo, Seraamikii, Sibiilaa fi kanneen biroof oolu tooniin miiliyoonni 2.3 ol alaa galaa turuu ibsan.
Yeroo ammaa dhaabbileen biyya keessaa damicharratti akka bobba’an taasifamuu hordofee oomishni dhagaa cilee alaa gala ture guutummaatti akka biyya keessatti oomishamu godhamuu eeran.
Warshaaleen oomisha dhagaa cilee babal’achaa jiraachuu eeruun, dhiyeessiin oomisha dhagaa cilee dabalaa dhufuu hordofee gatiin oomisha Simmintoo fi meeshaalee ijaarsaa biroo akka tasgabbaa’uu qooda olaanaa bahateera jedhan.
Dabalataan dameen Albuudaa sharafa alaa argamsiisuun adda duree ta’aa jiraachuu kaasan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.