Dhaloonni ammaa aadaa keenya cimsuun dhaloota dhufuuf dabarsuu qaba- Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo
Finfinnee, Guraandhala 30, 2017 (FMC) – Dhaloonni ammaa aadaa keenya cimsuun dhaloota dhufuuf dabarsuu qaba jechuun Abbaan gadaa duraanii Booranaa Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo dhaaman.
Sirni gadaa sirna uumaafi uumamaa waan hunda of keessaa qabu ta’uu kaasuun, sirna diimookiraasiif bu’uura ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan jijjiiramaa aadaa guddisuuf hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu eeruun, deeggarsa kana cimsee akka itti fufu gaafataniiru.
Dhaloonni ammaa aadaa kana cimsuun dhaloota dhufuuf dabarsuu qaba jedhan.
Abbaan 72ffaan guyyaa har’aa baallii fudhatan Abbaan Gadaa Guyyoo Boruu imaanaa guddaa dhalonni itti kennate haalaan eeguu qabu jedhan.
Nageenyarratti mootummaa waliin ta’uun akka hojjettan dhaamaniiru.
Rakkooleen bu’uuraalee misoomaa akka furamuufis gaafataniiru.
Ayyaanaa Dheeressaatu qindeesse.