Dhaloonni ammaa yaada furmaataarra gahuuf qophii ta’uu qaba- Piroofeesar Masfin Ara’aayaa
Finfinnee, Hagayya 18, 2017(FMC)- Dhaloonni ammaa mari’achuufi yaada furmaataarra gahuuf qophii ta’uu qaba jedhan Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan.
Piroofeesar Masfin Ara’aayaan turtii Poodkaastii Faanaa waliin taasisaniin, mariin kan itti fufuufi dhaloonni fuulduraa wal harkaa fuudhudha jedhaniiru.
Heddummina keessa hubannoo cimaan yoo jiraate daran akka cimu kaasanii, heddumminni miidhagina waan ta’eef beekumsa waliin walitti hidhuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.
Rakkoon Itiyoophiyaa furamuu kan danda’u hayyoota qofaan akka hin taane, marii hunda hirmaachiseen ta’uus dubbataniiru.
Mari’achuun filmaata isa guddaa akka ta’e kan ibsan Piroofeesar Masfin, haguma mari’achaa deemnu walitti dhiyaachaa dhufna jedhan.
Aadaan hojii yoo jijjiirreefi ilaalcha dogoggoraa yoo sirreeffame Itiyoophiyaan biyya hundumaaf geessu ta’uus kaasaniiru.
Namoonni siyaasaa cimuu kan danda’an biyyi yoo nagaa taate ta’uu eeranii, misooma, haqa, tokkummaa uummattootaafi dhimmoota biroorrattis xiyyeeffannoon hojjechuuf carraan kan uumamu ta’uu dubbataniiru.
Itiyoophiyaanonni duudhaalee isaanii buleeyyii dhiisaa jiraachuu kaasuun, ilaalcha miidhaa qabu dhiisnee aadaa fayyadu yoo cimsine wanta nama boonsu hojjechuu dandeenyas jedhaniiru.
Birhaanuu Abarraan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.