Dhaloota Dippiloomaatii,mariisisaa fi saayintistii bishaanii ta’u horachuun barbaachisaadha –Injiinar Dooktar Haabtaamuu
Finfinnee, Caamsaa 14, 2017 (FMC) – Dhaloota Dippiloomaatii,mariisisaa fi saayintistii bishaanii ta’u horachuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Injiinar Dooktar Haabtaamuu Ittafaan ibsan.
Konfiraansiin Hayidiroo fi Bishaanii 12ffaan dhimmoota tumsan Bishaan daangaa ce’aarratti xiyyeeffate taa’amaa jira.
Biyyoota ollaa waliin iftoominnii fi wal amanuun murteessaa ta’uu Injiinar Dooktar Haabtaamuun yaa’icharratti ibsaniiru.
Dhaloota dippiloomaatii,mariisisaa fi Saayintistii bishaanii ta’e horachuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Murannoo tumsaaf qabnu mul’isuun deeggarsa idil addunyaa argachuu qabna jedhan.
Dippiloomaasiin odeeffannoo, beekumsaa fi amantaa malee bu’aa qabeessa kan hin taane ta’uus kaasaniiru.
Faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf nageenya, tumsaa fi misooma waloof dhama’uun murteessaa akka ta’e himaniiru.
Konfiraansii qopheessummaa ministeerichaan Yuunivarsiitii Aarbaa Mincitti taa’amaa jirurratti hayyoonni damichaa, Dippiloomaatoonni, Mahaandisoonni, Imaammata qopheessitoonnii fi tumsitoonni misoomaa hirmaataniiru.
Mallasaa Taaddasaatu gabaase
#Oromia #Ethiopia