Fana: At a Speed of Life!

Dhaloota DorgomaaOromiyaa Boruuf Utubaa Ta’e Ijaaraa Jirra- Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 19, 2018 (FMC) – Dhaloota dorgomaa Oromiyaa boruuf utubaa ta’e ijaaraa jirra jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa.

Obbo Shimallis ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, gulantqa qabsoon Oromoo irra ga’e kanatti sabboonummaan keenya inni sirrii, faaruufi dhaadannoon osoo hintaane, dhaloota beekumsa hidhate, dandeettii dorgomummaa idil-addunyaa goonfateefi eenyummaa isaa sirnaan hubate uumuun mirkanaa’a jedhan.

Mootummaan Jijjiiramaa Naannichaas galma ‘𝘿𝙝𝙖𝙡𝙤𝙤𝙩𝙖 𝘿𝙤𝙧𝙜𝙤𝙢𝙖𝙖 𝙐𝙪𝙢𝙪𝙪’f qabate milkeessuuf, 𝑩𝒂𝒓𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑺𝒂𝒅𝒂𝒓𝒌𝒂𝒂 𝑻𝒐𝒌𝒌𝒐𝒐𝒏 𝑫𝒖𝒓𝒂𝒂irratti jijjiirama bu’uuraa fiduu xiyyeeffatee hojjechaa qkka jiru ibsan.

Guutuun ergaa isaanii kunooti:

𝐃𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐃𝐨𝐫𝐠𝐨𝐦𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐲𝐚𝐚 𝐁𝐨𝐫𝐮𝐮𝐭𝐢𝐢𝐟 𝐔𝐭𝐮𝐛𝐚𝐚 𝐉𝐚𝐛𝐚𝐚 𝐓𝐚’𝐮 𝐈𝐣𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐉𝐢𝐫𝐫𝐚

Qabsoon ummata keenyaa waggoota dheeraaf golee mara keessatti gaggeeffamaa ture, har’a gulantaa haaraafi sadarkaa ijaarsaarra gaheera. Gulantaa kanatti sabboonummaan keenya inni sirrii, faaruufi dhaadannoon osoo hintaane, dhaloota beekumsa hidhate, dandeettii dorgomummaa idil-addunyaa goonfateefi eenyummaa isaa sirnaan hubate uumuun mirkanaa’a. Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo keenyaa galma ‘𝘿𝙝𝙖𝙡𝙤𝙤𝙩𝙖 𝘿𝙤𝙧𝙜𝙤𝙢𝙖𝙖 𝙐𝙪𝙢𝙪𝙪’f qabate milkeessuuf, 𝑩𝒂𝒓𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑺𝒂𝒅𝒂𝒓𝒌𝒂𝒂 𝑻𝒐𝒌𝒌𝒐𝒐𝒏 𝑫𝒖𝒓𝒂𝒂 (𝑩𝑺𝑻𝑫) irratti jijjiirama bu’uuraa fiduu dhimma dorgommii hinqabne taasisuun hojjechaa jira.

𝐒𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚 𝐅𝐨𝐨𝐲𝐲𝐚’𝐞𝐞𝐟𝐢 𝐌𝐢𝐥𝐤𝐚𝐚’𝐢𝐧𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐚𝐚’𝐞
Bara 2012 dura, sirni barnoota daa’immanii (BSTD) naannoo keenyaa manneen barnootaa 2,000 hinguunne, magaalaa keessattifi dhaabbilee daldalaatti kan daanga’e ture. Hojii waggoottan torban darban raawwanneen 𝑴𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂 𝑩𝒖’𝒖𝒖𝒓𝒂 𝑩𝒐𝒓𝒖𝒖 (𝑴𝑩𝑩𝑩) baadiyyaatti qofa osoo hintaane fiixee naannichaa kamittu babaldhisuu dandeenyerra. Kanaanis lakkoofsa 𝑴𝑩𝑩𝑩 20,300 oliin gahuun danda’ameera. Yeroo ammaa daa’imman 𝒎𝒊𝒍. 2.5 (𝙙𝙪𝙗𝙖𝙧𝙩𝙤𝙤𝙣𝙣𝙞 𝙢𝙞𝙡. 1.2) MBBB kanniin keessatti harka walqabatanii boruuf of-qopheessaa jiru.

Milkaa’inni kun kan mootummaa qofaa miti; injifannoo ummata keenyaati. Manneen barnootaa kunniin guutumatti hirmaannaa ummanni keenya gama 𝑻𝒂𝒋𝒂𝒂𝒋𝒊𝒍𝒂 𝑳𝒂𝒎𝒎𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊𝒏 taasiseen kan ijaaraman yoota’u, qarshiitti yemmuu shallagamu 𝒃𝒊𝒓𝒓𝒊𝒊 𝒃𝒊𝒍𝒊𝒚𝒐𝒐𝒏𝒂 96.8 ol kan ta’udha. Hirmaannan kun duudhaan ummanni keenya dhaloota boruu humneessuuf qabu kan hinlaafne ta’uu darbees tokkummaan keenya humna jijjiiramaa ta’uu kan agarsiisudha.

𝐆𝐮𝐝𝐝𝐢𝐧𝐚 𝐒𝐚𝐦𝐦𝐮𝐮𝐟𝐢 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚-𝐠𝐚𝐥𝐟𝐢𝐢 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢
Barnoonni daa’immanii qulqullina barnoota sadarkaa 1ffaa mirkaneessuuf utubaa jalqabaati. Rakkoo dubbisuufi barreessuu waggoota dheeraaf kutaa 1ffaa irraa kaasee barattoota keenya hiraarsaa tureef furmaata dhabbataa uumeera. Kana malees, bara 2015 irraa kaasee 𝒔𝒂𝒈𝒂𝒏𝒕𝒂𝒂 𝑵𝒚𝒂𝒂𝒕𝒂 𝑩𝒂𝒓𝒂𝒕𝒂𝒂 eegaluun keenya jalqabbii kana cimseera. Sagantaan kun daa’imman keenya beela irraa walaba ta’anii gahumsaan akka baratan gochuun cinaatti, maatii harka qalleeyyiif haara-galfii guddaa ta’eera. Gama kaaniin, haadholiin baadiyyaa, yeroo daa’imman isaanii mana barnootaa oolanitti, hojii biroof yeroo argachuun jireenya hawaas-dinagdee isaanii akka fooyyessan carraa uumera.

𝐐𝐚𝐚𝐰𝐰𝐚 𝐉𝐢𝐫𝐮 𝐃𝐮𝐮𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟𝐢 𝐀𝐤𝐞𝐞𝐤𝐚 𝐅𝐮𝐮𝐥𝐝𝐮𝐫𝐞𝐞
Walfakkaachuu dhabuun facaatii MBBB Godinaalee/Magaalota/Aanaalee/Gandoota gidduutti umamuu malu, dhaloota Oromoo gidduutti garaagarummaa hinmalle kan uumudha. Dabalataanis, daa’imman keenya fageenyaa umrii isaanii hinmadaallen kan hiraarsudha. Qaawwa kana adda baasuuf yeroo yeroon sakatta’iinsi gaggeeffamaa jira. Bu’uuruma kanaan godinaalee, magaalotaafi aanaalee horsiisee bulaa hanqina facaatii qabaachuun adda bahe, 𝙈𝘽𝘽𝘽 𝙝𝙖𝙖𝙧𝙖𝙖 182 ijaarsisuuf haalduree hundi xumurameera.

Imalli waliigalaa hanga ammaa dhufne gaarii ta’us, galma gahamuu qaburraa fagoo akka jirru hindagannu. Asirraa ka’uun, wixinee 𝐊𝐚𝐫𝐨𝐨𝐫𝐚 𝐓𝐚𝐫𝐬𝐢𝐦𝐚’𝐚𝐚 𝙈𝘽𝘽𝘽 waggoottan shanan dhufanii kan qopheessine yoota’u, marii qooda fudhattootaa booda, yeroo gabaabaa keessatti raawwiitti kan galchinu ta’a. Karoorri kun babaldhinaafi “standard” MBBB — ijaarsa haaraafi daree dabalataa, lakkoofsa barattootaa, barsiisotaafi manneen barnoota modeela ta’anii bu’uuraan kan ceesisudha.

𝐃𝐡𝐮𝐦𝐚𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢
Milkaa’ina armaan dura argameef, gumaachi abbootii qabeenyaafi dhaabbilee garagaraa olaanaa ture. Hundaa’ol, of-kenna ummata keenya baldhaa malee, goonkumaa kan yaadamu hinturre. Tumsa gatiin hinshallagamne kanaaf, maqaa kiyyaafi maqaa dhaloota carraan umameef kanaan hedduu galatoomaa. Dhumarrattis, karoora tarsiima’aa waggoottan shanan dhufanii irrattis akka nuwaliin dhaabbattan gamanumaa waamicha kabajaa isiniif dhiyeessuun barbaada.

Bu’uurri har’a keenyu, humna boru Oromiyaafi Itiyoophiyaa badhaate ittifufsiisu nuuf kenna!

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.