Fana: At a Speed of Life!

Dhaloota eenyummaa, seenaa, aadaa fi duudhaa isaa beeku horachuuf…

‎Finfinnee, Mudde 23, 2018 (FMC)_ Dhaloota eenyummaa, seenaa, safuu, aadaafi duudhaa isaa beekee ijaarsa biyyaa keessatti qooda isaa bahatu horachuuf hojjechuun barbaachisaadha jedhe Biiroon kominikeeshinii Oromiyaa.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa barii jijjiiramaa irraa eegalee uummanni aadaa fi duudhaa isaa ganamaatti deebi’uun dhaloota safuu beeku akka ijaaru hojii hojjechaa jiruun bu’aan gaggaariin biyyaaf bu’uura ta’an argamaa jiru.

Haaluma kanaan Korri Qorannoo Aadaafi Konfiransii Artii Oromoo 4ffaan qindoomina Inistiitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromoofi Yuunivarsiitii Ambootiin Yuunivarsiitii Ambootti geggeeffamuu eegaleera.

Korri kun bakka Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromoo Dooktar Dirribaa Tarrafaa, Pirezidaantii Yuunivarsiitii Amboo Dooktar Baayisaa Lataa, hayyoonni, Abbootiin Gadaa, haadholiin siinqee Abbootiin amantaalee, Barreessitoonni seenaa, Artistoonniif keessummoonni adda addaa argamanitti geggeeffamaa jira.

Korri kun guyyoota lamaaf qorannoowwan garaagaraa Aadaa, Seenaa ,Duudhaa, Artii, Afaaniifi Ogbarruu Oromoorratti qorattootaan dhiyaatee irratti kan mari’atamu ta’uu ragaan BKO ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.