Fana: At a Speed of Life!

Dhaloota gargaaramtummaa osoo hin taane qabeenya dhaalchisuu qabna-  Dooktar Shifarraawu Taklamaariyaam

Finfinnee, Ebla 30, 2017 (FMC) – Deeggarsa namoomaa dandeettii ofiin guutuun dhaloota gargaaramtummaa osoo hin taane qabeenya dhaalchisuu qabna jedhan Komishinarri Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Dooktar Shifarraawu Taklamaariyaam.

Itiyoophiyaan qabeenya hedduufi haala qilleensaa oomishaaf mijataa ta’e qabaattus haalaan faayidaarra oolaa akka hin jirre turtii Poodkaastii Faanaa waliin taasisaniin ibsaniiru.

Gargaaramtummaa, eeggettummaafi hirkattummaan aadaa Itiyoophiyaanotaa ta’uu akka hin qabne kaasanii, cimanii hojjechuu aadaa godhachuu qabna jedhan.

Biyyi bakka hojiif ta’u bal’aa fi dargaggoota hedduu qabdu gargaaramtummaan beekamuu akka hin qabne eeraniiru.

Hojiilee seeftiineetii magaalaafi baadiyyaatti hojjetameen bu’aa jajjabeessaan argamuufi dhaabbileen maallaqaa idil addunyaa Itiyoophiyaan guddina ariifataa akka galmeessiste ibsuu kaasaniiru.

Hawaasni gargaaramtummaa keessaa akka bahuuf mootummaan  karoora biyyaalessaa baasuun kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Deeggarsa namoomaa dandeettii ofiin guutuuf hundi keenya tumsuun ijoollee keenyaaf gargaaramtummaa osoo hin taane qabeenya dhaalchisuutu nurra jira jedhaniiru.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.