Dhaloota Teeknooloojiin ga’oome horachuuf hojjetamaa jira – Bulchiinsa magaalichaa
Finfinnee, Mudde 27, 2018 (FMC) – Dhaloota Teeknooloojiin ga’oome horachuuf hojjechaan jira jedhe Waajjirri Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar.
Dhaloota beekkumsaan gahoome, dandeettii gonfate, ogummaa horatee fi teeknooloojii fi kalaqaan dagaage baay’inaan horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa magaalichaa obbo Firakiyyaa Kaasahuun.
Barnootaa fi teeknooloojii walitti hidhuuf Mana Kitaabaa Dijitaalii gurmeessuun barattootni kutaa 9ffaa_12ffaa ‘E_Learning’ akka barataniif “Shaggar digital library” linkiin viidiyoo 800 ol qabiyyeen barnootaa irratti fe’amee barattootni barnoota dareetti baratan cinaa qabiyyee barnootaa akka baratan taasifamuu dubbatan.
Kana irraa barattoota kuma 44 ol fayyadamoo taasisuuf karoorfamuu eeran.
Barattoonni, barsiisoonni, hojjattoota deeggarsaa fi caasaan barnootaa kumni 82 fi 644 leenjii Ethiocoders akka baratan karoorfamee hanga ammaatti namoonni kumni 46 fi 974 yoo xiqqaate gosa barnootaa afur keessaa tokkoon sartafikeetii argachuu himan.
Akkasuma manneen barnootaa keessatti daree ‘smart class’ qopheessuu irratti xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu eeran.
Dijitaal park sadarkaa kutaa magaalaa fi aanaatti akka jiraatu fi barattootni Mana barnootaa alatti dandeettii Kompiyutaraa fi dijitaalii akka goonfatan diijitaal Paarkii 9 qopheessuun danda’amuu ibsan.
Teeknolojii lafa qabsiisuuf hojiin kompitara dhiheessuu fi intarneetii galchuus hojjetamaa jiraachuu himan.
Kanaanis Kompiyutaroonni 390 deeggarsaa fi hirmaannaa ummataan yoo dhiyaatan fi Kopmiyuutaroonni 249 suphamuun dhiyaachuu obbo Firakiyyaan Faanaa Dijitaalitti himaniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.