Fana: At a Speed of Life!

Dhibee TB dhabamsiisuuf …

Finfinnee, Bitootessa 20, 2018 (FMC) –Dhibee TB guutuumaan guutuutti dhabamsiisuuf tarsiimoo fi qindoominaan hojjetamaa jira jedhan Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan.

Guyyaan TB Addunyaa akka Itiyoophiyaatti Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Mana Abbichuutti sagantaalee garaagaraan kabajameera.

Guyyaan TB Addunyaa kunis bakka hooggantonni olaanoo Federaalaa, Naannoo, Magaalaa Shaggariifi bakka buutonni dhabbiilee biroo argamanitti kabajamuun ibsameera.

Saganticharratti Dooktar Darajjeen haasawa taasisaniin, TB rakkoo fayyaa hawaasaa ta’uun gaaga’ama hawaas-dinagdee ta’aa jiru dhabamsiisuuf hojii hojjetameen bu’aan argamaa jiraachuu himaniiru.

Haaluma kanaan guutummaan guutuutti dhabamsiisuuf hubannoo hawaasaafi wal’aansaa cimsuun qindoominaan hojjetamaa jiraachuus dubbataniiriu.

Itiyoophiyaa TB irraa bilisa taasisuuf tarsiimoo cimaan hojjechuun jijjiirama hawaas-dinagdee dhugoomsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus Dooktar Darajjeen kaasaniiru.

Baay’ina namoota dhibee kanaan qabamanii xiqqeessuufis qindoomina hawaasaa, Mootummaafi dhaabbilee garagaraa cimsuun kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan gamasaaniin, Magaalaan Shaggaritti tajaajila fayyaa babal’isuun tatamsa’ina dhibee TB hir’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Hooggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa Pirofeesar Natsaannat Warqinaa, facaatii dhibee TB hir’isuuf xiyyeeffannoo kennuun hojii hojjetameen bu’aawwan hedduun argamuu eeraniiru.

Hubannoo hawaasaa cimsuu, tajaajiloota yaalaa babal’isuu akkasumas hordoffiifi to’annoo namoota dhibee kanaan qabamaniif taasisuun kan milkaa’e ta’uu kaasuu isaanii Waajjirri Kominikeeshinii Magaalaa Shaggara Faanaa Diijitaaliiif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.