Dhibeen Heemooraajiik Fever Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti mudate
Finfinnee, Sadaasa 3, 2018 (FMC) –Dhibeen Heemooraajiik Fever Naannoo Kibba Itiyoophiyaa magaalaa Jiinkaatti mudachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Dhibeen kun akka hin babal’anne dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun hojiin ittisuu fi yoo mudate saffisaan mirkaneessuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhe.
Yeroo ammaas Dhibee Heemooraajiik Fever jedhamu magaalaa Jiinkatti kan mudate yoo ta’u, hanga ammaatti namoonni 8 dhibichaan shakkamuu ibse.
Ka’umsa dhibichaa beekuu fi dabalataan akka hin babal’anne to’achuuf, akkasuma gareen deebii hatattamaa kennu gara iddichaatti bobba’uun hojiin gamaaggamaa fi qorannoo laabraatoorii gaggeeffamaa jira jedhe ministeerichi.
Hojiin hawaasa hordofuu, tuttuqaa ittisuu, mana manarra deemuun adda baasuu fi kenniinsi tajaajila yaalaa cimee itti fufuu ibse.
Yaa ta’uutii hawaasni hundi dhibicha ittisuuf of eeggannoo armaan gadii akka taasisan yaadachiise.
Wayita Afaan, funyaanii fi kutaalee qaamaa biroon mallattoon dhiiguu, ho’inni, gadi teessisuu fi hooqisuu mul’ate saffisaan gara dhaabbilee yaala fayyaa dhiyeenyatti argamutti imaluun qorannoo taasisuu, namoota dhibichaan shakkame waliin tuttuqaan akka hin jiraanne of eeggannoo gochuu, yeroo hunda harka Saaniitaayizarii yookaa saamunaan sirnaan dhiqachuun murteessadha.
Dhaabbileen yaala fayyaa kamiiyyuu naannoo isaa hordofuu, adda baasuu, qorannoo taasisuu, yaaluu fi gabaasa gochuu qabu jedhe.
Dabalataan ragaan dhimmicha ilaallatuu fi shakkiin yoo jiraata karaa sararoota bilbilaa 8335 fi 952’n bilbiluun odeeffannoo kennuu fi fudhachuun kan danda’amu ta’uu eere.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.