Fana: At a Speed of Life!

Dhibeen Juuzamii abaarsaan hin dhufu, sanyiinis hin daddarbu – Ogeeyyii Fayyaa

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2018 (FMC) – Dhibeen Juuzamii abaarsaan hin dhufu, sanyiinis hin daddarbu jedhan Ogeeyyiin yaala Fayyaa.

Itiyoophiyaan waggatti Keezii Dhibee Juuzamii kuma 2 fi 500 hanga kuma 3 ni gabaasti.

‎Dhaabbata ‘the lepreosy Mission International’ ‘ Itiyoophiyaatti Daayrektera kutaa Sagantaa kan tan obbo Salamoon Geetahuun,Dhukkubni Juuzamii dhukkuba daddarbaa baakteriyaa ‘Mycobacterium Leprae’ jedhamuun kan dhufudha jedhan.

‎Dhukkuba kanaan walqabatee hawaasa keessa hubannoo sirrii hin taane heddutu jira kan jedhan obbo Salamoon , sanyiin daddarbuu fi abaarsa waaqaatiin dhufuu, akkasumas dhukkuba yaalamee fayyuu hin dandeenye fi nama cubbuu ykn sanyii badaa irraa dhalate irratti mul’ate godhamee laallamuutu jira jedhan.

Dhukkubni kun baakteeriyaa daddarbaa ta’een kan dhufu ta’uun hubatamuu qaba.

‎Namoota baakteriyaa dhukkuba Juuzamii fiduuf saaxilaman keessaa muraasa isaanii qofatu dhukkuba kanaan hubamuu danda’a.

Isaan % 95 ta’an baakteeriyaa kanaaf saaxilamaniyyuu dhukkuba kanaan akka hin qabamneef sirni ittisa qaamaa kan dhoorku ta’uu dubbatan.

Irra caalaa dhiira irratti mul’ata.

‎Dhukkubni Juuzaamii irra jireessaan biyyoota guddataa jiran keessatti kan mul’atu ta’uu eeran.

Namoota magaalaa caalaa kan baadiyya irratti, akkasumas harka qalleeyyiirratti caalatti mul’atas jedhan.

‎Uffata walii uffachuu, siree tokko fayyadamuu, wajjin nyaachuun fi mana fincaanii tokkotti fayyadamuun dhukkubni kun nama isa qabu irraa gara nama kaanitti hin darbu.

‎Dhukkubni Juuzamii irra jireessaan gogaafi narvii namaa kan miidhu ta’uu ibsan.‎

‎Namoota %50 ta’an irratti ammoo sochii ykn tattaafii sirni ittisa qaamaa keenya baakteriyaa kana balleesuuf godhu keessatti waan akka kormommaa fi finnisaa fa’a funyaani fi gurra keenya irratti mul’achuu mala jedhan.

‎Turtii keessa lafeen harkaa fi lukaa nyaatamuun, akkasumas harki ykn lukti madaa’ee miidhamuu akka danda’u ibsan.

Mallatoo googaa fi narvii miidhame irratti hundaa’uun waggaa 1 hanga waggaa 2 tti qorichi fuchuun fayyuun akka danda’amu himan.

Yaala dhukkuba kanaa keessatti inni ijoon qoricha addaan kutuu dhabuudha jedhan.

Qoricha yoo addaan kunne baakteriyaan sun haala salphaa ta’een dandamachuu danda’a, kanaaf qoricha gonkumaa addaan kutuun hin barbaachisu jechuun hubachiisan.

‎Abdallaa Amaaniin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.