Fana: At a Speed of Life!

Dhibeen maariyyee jaldeessaa akka hin babal’aneef tattaaffiin taasifamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 20, 2017 (FMC) – Dhibeen maariyyee jaldeessaa akka hin babal’aneef xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan.

Dooktar Maqdas dhimmicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, naannoo Oromiyaa magaalaa Mooyaaleetti saamuuda qorannoo namoota dhibichaan shakkaman irraa fudhatameen hanga ammaatti miseensota maatii tokkoo kan ta’an namoota 3 irratti dhibichi argameera.

Dhibicha ittisuufi to’achuuf tattaaffii cimaan godhamaa jira kan jedhan Dooktar Maqdas, hawaasni odeeffannoo haalaan hordofuun ofiifi maatii isaa eeguuf of-eeggannoo barbaachisaa akka taasisu hubachiisaniiru.

Dhibichi tuttuqaan kan daddarbu yoo ta’u bifa weeraraan mudachuu danda’a.

Qaamni cittaa’uun, qufaan, ho’inni qaamaa ol ka’uun, gogaan qaamaa madaa’uun, miirri dadhabbii namatti dhagahamuuniifi dhukkubbiin maashaafi dugdaa mallattoolee dhibichaati.

Iddoowwan saaxilamummaan itti baay’achuu mala jedhaman buufataalee xiyyaaraa, naannawaa daangaafi keellaawwan seensaafi bahiinsaa hundatti qorannoon eegaleera jedhan.

Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa Dooktar Masaay Hayiluu gamasaaniin, yeroo dhibichi mudate irraa eegalee humna waloo hundeessuun qindoominaan hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.

Lammiileen wayita mallattooleen dhibichaa irratti mul’atu dhaabbata fayyaa naannoo isaaniitti akka beeksisan akkasumas gama ergaa gabaabaa 8335 fi toora bilbila bilisaa 952’n eeruu akka kennan gaafataniiru.

Gizaachoo Girmaayeetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.