Dhibeen Maariyyee Jaldeessaa namoota 2 irratti mul’ate akka hin babal’anne qindoominaan hojjetamaa jira jedhame
Finfinnee, Caamsaa 19, 2017 (FMC) – Dhibeen Maariyyee Jaldeessaa Magaalaa Mooyaaleetti namoota 2 irratti mul’ate akka hin babal’anne qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.
Dhibeen kun Naannoo Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Mooyaaleetti namoota 2 irratti mul’achuu Ministeerri Fayyaa, Biiroon Fayyaa Oromiyaa fi Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa beeksisuun ni yaadatama.
Tatamsa’ina Vaayirasichaa qolachuuf qooda fudhattoota hunda waliin qindoomaan hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaa Hogganaan Biiroon Fayyaa Oromiyaa Dooktar Tasfaayee Kabbabaw ibsaniiru.
Haadhaa fi Daa’ima umrii guyyaa 21 vaayirasichi irratti mul’ate qofaatti foo’uun hordoffii cimaan taasifamaafii akka jiruu fi yeroo ammaas haala gaarirratti kan argaman ta’uu kaasaniiru.
Vaayirasichi mul’achuu erga beekamee kaasee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu dubbachuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia