Dhibeewwan waqtii gannaa mudatan ittisuuf qophiin taasifame – BFO
Finfinnee, Adoolessa 17, 2017 (FMC) – Dhibeewwan waqtii gannaa sababeeffachuun tasa mudachuu danda’an qolachuuf qophiin taasifame jedhe Biiroon Fayyaa Oromiyaa.
Dhibee Garaa Kaasaa, Koleeraa fi maxxantuuwwan adda addaa dabalatee dhibeewwan waqtii gannaa hordofuun mudachuu malan qolachuuf qophii gahaan xumuramuu Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Daayrekterri Ittisa Dhukkubaa obbo Darajjee Addunyaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Faalama Bishaanii, lolaa fi hanqina qulqullina nyaataan walqabatee dhibeewwan waqtii gannaa ka’uu danda’an ittisuu fi to’achuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru kaasan.
Biiroon Fayyaa Oromiyaa, Biiroo Bishaanii, Buusaa Gonofaa, Dhaabbilee Faayinaansii fi Biiroo Barnootaa Oromiyaa waliin ta’uun hawaasni akka of eeggatu hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu eeran.
Keessattuu wayita dhibeen tasaa mudate saffisaan to’achuuf qophummaan jiraachuu dubbatan obbo Darajjeen.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.