Fana: At a Speed of Life!

Dhiibbaa jijjiirama qabeenya Qilleessaa balaa ta’e qolachuuf tarkaanfii jijjiiramaatu barbaachisa – Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Hagayya 28, 2017 (FMC) – Dhiibbaa jijjiirama qabeenya Qilleessaa balaa ta’e qolachuuf tarkaanfii jijjiiramaatu barbaachisa jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.

Torbeen Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa 2ffaan bakka Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf dabalatee hoggantoonni biyyootaa fi dhaabbilee idil-addunyaa garaagaraa argamanitti gaggeeffamaa jira.

Waltajjiin kun qopheessuummaa Itiyoophiyaan Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Afrikaan faalama qabeenya qilleensaa keessatti gaheen qabdu xiqqaa ta’us dhiibbaa cimaa inni qaqqabsiisuun garuu adda dureen gatii olaanaa kaffalaa jirti jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen waltajjicharratti.

Imaammannii fi deeggarsi maallaqaa haqa qabeessa ta’e hojiirra ooluu akka qabu gaafatan.

Dhiibbaan jijjiiramni qabeenya qilleensaa Afrikaarraan gahu olaanaa ta’uu isaan dhiibbicha qolachuuf tarkaanfiin jijjiirama ariifachiisaan barbaachisaadha jedhan.

Afrikaan jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf, carraa hojii uumuuf, wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiilee eegaltee saffisiisuu akka qabdu yaadachiisan.

Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf hojiilee fakeenyummaa gaarii ta’u hojjechaa akka jirtu eeran.

Biyyattiin Yaa’ii Jijjiirama qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomaanii bara Faranjootaa 2027 qopheessuuf fedhii qabaachuu dubbatan Pireezidaanti Taayyeen.

Soosinnaa Alamaayyootiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.