Dhiibbaan Itiyoophiyaan naannawichatti qabdu guddachaa jira – Imbaasii Chaayinaa
Finfinnee, Sadaasa 1, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan waltajjii hundagaleessarratti hirmaannaa cimaa taasiftuun dhiibbaan naannawichatti qabdu guddachaa jira jedhan Itiyoophiyaatti Dhimma Raawwachiisaan Imbaasii Chaayinaa Suun Miingashiin.
Chaayinaa fi Itiyoophiyaan michummaa bara dheeraa qabaachuu Suun Miingashiin turtii Faanaa Diijitaal waliin taasisaniin eeraniiru.
Itiyoophiyaan miseensa BRICS ta’uun ishee shoora sona addunyaa keessatti qabdu guddisuurra darbee biyyoota diinagdeen guddachaa jiranii fi tumsa kibba kibbaa keessatti dhageettummaan ishee caalmaatti akka cimu gargaare jedhan.
Itiyoophiyaa fi Chaayinaan waltajjiiwwan idil addunyaarratti tumsa isaanii caalmaatti guddisuu eeran.
Itiyoophiyaan michuu ijoo Chaayinaa ta’uu mirkaneessan.
Masaafinti Birleetiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.