Dhimmoonni mul’ata biyyaa waliin hidhata qaban inistiitiyuutii Hubannoo Namtolcheetti mul’ataniiru- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Sadaasa 8, 2018(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dhimmoonni mul’ata biyyaa waliin hidhata qaban Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaatti mul’ataniiru jedhan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita Waajjira Muummee Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa daawwatan, Inistiitiyuutichi yaadni dargaggootaa gara hojiitti akka hiikamu kan taasisu bu’aa yaadama gaariiti jedhan.
Dhaabbatichi dargaggoonni yaada isaanii akka dhugoomsan gochuurra darbee indaastirii waliin walitti fiduun gara biiznasiitti akka guddisaniif haala mijeessuun isaa dinqisiisaa ta’uus kaasaniiru.
Yeroo ammaa dargaggoonni 200 hirmaachaa jiraachuu eeranii, kunsi mootummaan dhalootarratti hojjechuu akka qabu kan mul’isuufi hojii qabatamaan kan argame ta’uu dubbatan.
Hariiroon mootummaafi dargaggoota yaada qaban gidduu jiru manneen barnootaa qofatti daanga’uu akka hin qabne kaasanii, namoonni kennaa addaa qaban deeggaramanii yaadota isaanii akka gabbisan gochuun yoo danda’ame yaadonni, hojiileefi dhaabbilee hedduun ni uumamu jedhaniiru.
Dargaggootaaf haala mijataan yoo uumame bu’aalee gaggaarii argamuu akka danda’anis ibsaniiru.
Biyyoota biroo waliin walbira qabamee yoo ilaalame sadarkaa inistiitiyuutichi irra jiru jajjabeessaa ta’uu eeranii, kunis Itiyoophiyaaf faayidaa olaanaa kan qabuufi hojii dhaloonni egereen ittiin boonu akka ta’u abdiin qaba jedhan.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.