Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessa Qorichaalee Diijitaalome…

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2018 (FMC) – Tajaajilli Dhiyeessa Qorichaalee Itiyoophiyaa hojmaata isaa Diijitaalomseera jedhe Ministeerri Fayyaa.

Tajaajilichi Yaa’ii waggaa 7ffaa cancala dhiyeessa Qorichaalee gaggeessaa jira.

Bara 2017 keessaa Qorichaalee fi galteewwan tajaajila yaala fayyaa Birrii biiliyoona 68 baasaan raabsamuu Ministir Deetaan Ministeerichaa Fireeyiwat Abbabaan himaniiru.

Dhaabbilee Mootummaa kuma 22 oliif raabsamuu dubbatan.

Hojiin oomishtoota biyya keessaa jajjabeessuufi cancala dhiyeessa qorichaalee ammayyeessuuf dandeessu hojjetamuu dubbatan Daayrekterri olaanaan tajaajilchaa Dooktar Abdulqaadir Galgaloon.

Qoodni oomishtoota biyya keessaa % 41 gahee eeruu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.