Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessii Oksijiinii yaalaa fooyyessuu…

Finfinnee, Guraandhala 19, 2018 (FMC) – Sadarkaa biyyaatti oomishni Oksijinii yaalaa 85 ga’e jedhe Ministeerri Fayyaa.

Dhiyeessii Oksijinii yaalaa fayyaa ilaalchisee hoggantoota biiroolee fayyaa naannolee fi qooda fudhattootaa waliin mari’atameera.

Wayita weerara Kooviid – 19 oomishni Oksijinii sadi qofa ture amma 85 gahuu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Fireehiwoot Abbabaan ibsaniiru.

Sona oomisha Oksijinii caalmaatti cimsuuf tarsiimoon hojjetamaa turuu eeran.

Dhiyeessa Oksijinii fooyyessuu fi hanqinaalee jiran sirnaan furuuf hoggantoonni sadarkaan jiran xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban hubachiisan.

Oksijiniin meedikaalaa tajaajila qulqullina qabu akka kennu rakkoo adda ciccituu Elektirikaa furuuf filannoowwan Soolaarii fayyadamuun murteessaa akka ta’e kaasan.

Dandeettii Ogeeyyii maashina Oksijinii yaalaarratti hojjetanii cimsuuf leenjiin kennamaa jiraachuu raawwataan dursaan garee hojii Tajaajila Meedikaalaa Ministeerichaa Dooktar Iluubaaboor Buunnoon dubbataniiru.

Hospitaala tokko keessa Oksijiniin jiraachuu qofa osoo hin taane fayyadamummaa haqa qabeessaaf xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa ta’uu Dooktar Iluubaaboor Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.