Dhiyeessii xaa’oo damee dhuunfaatti naannessuuf hammattoon seeraa qophaa’aa jira
Finfinnee, Caamsaa 21, 2017(FMC) – Waliingahiinsa xaa’oo guddisuuf hojii dhiyeessii xaa’oo damee dhuunfaatti naannessuuf hammattoon seeraa qophaa’aa jira.
Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaan turtii Poodkaastii Faanaa waliin taasisaniin, waliingahiinsa xaa’oo guddisuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiru jedhan.
Xaa’oo nam-tolcheerratti hirkataa ta’uurra xaa’oo uumamaa qopheessuun fayyadamuu qabna kan jedhan Dooktar Soofiyaan, damee qonnaa guddisuuf teeknooloojii sadarkaa olaanaan hojiirra oolchuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Waliingahiins meeshaaleen mekaanaayizeeshiniis guddachaa dhufuufi meeshaalee kanneen alaa galchuun qofa bu’aa qabeessa ta’uun waan hin danda’amneef abbootiin qabeenyaa ogeeyyii kalaqaa waliin ta’uun damecharratti akka bobba’an gaafataniiru.
Yoonaas Geetinnatiin.