Dhugaa fi beekumsi akka moo’u barsiisonni cichoominaan hojjechuu qabu – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Dhugaa fi beekumsi akka moo’u barsiisonni cichoominaan hojjechuu qabu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Biyyi dhalootaaf taatu kan dhugaa fi beekumsaan ijaaramteedha jedhan.
Dhaloota ololarraa bilisoomee fi seenaa hubatee boruu isaaf mul’ata qabaatu horachuuf barsiisonni hojjechu qabu jedhan.
Dhaloota dhibee naanummaa fi gandummaarraa bilisa ta’uun biyya hundaaf taatu ijaaruu keessatti gahee isaa bahatu oomishuun tattaaffii barsiisotaa kan gaafatuudha jechuun eeran.
Barsiisonni qormaatileef jilbiifachuu osoo hin taane, qormaatilee cichoominaan injifachuun ce’uu dhaloota barsiisuu qabu jechuun hubachiisan.
Mootummaan rakkoolee barsiisootaa furuuf waan danda’u hunda ni hojjeta jedhan.
Haa ta’uutii haala biyyi keessa jirtu hubachuun ammoo murteessaa akka ta’e yaadachiisan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.