Fana: At a Speed of Life!

Diijitaal Itiyoophiyaa 2030’n haala hojii ittisa yakkaa gara boqonnaa teeknooloojii olaanaatti ceesisuu danda’uun hojiirra oola- Komishinara Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’el

Finfinnee, Mudde 24, 2018 (FMC) – Diijitaal Itiyoophiyaa 2030’n haala hojii ittisa yakkaa gara boqonnaa teeknooloojii olaanaatti ceesisuu danda’uun hojiirra oola jedhan Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash Gabramikaa’el.

Tarsiimoon Diijitaal Itiyoophiyaa 2025 hojiilee Poolisii irratti jijjiirama galmeessisuu yaadachiisaniiru.

Hawaasni eeruuwwan yakkaa kennuu fi odeeffannoo barbaadu argachuuf qaamaan gara buufata poolisii osoo hin deemiin karaa bilbila moobaayilaa isaan akka argatuuf haalli mijataan uumamuu ibsaniiru.

Ji’a tokko booda buufanni poolisii nam- maleessi magaalaa Finfinneetti hojii akka eegalu eeruu isaanii ENA gabaaseera.

Hojiin ashaaraa qubaa awutoomeeti gochuu hojjetamaa jiraachuu kaasanii, galmeessa meeshaa waraanaa waraqaa eenyummaa diijitaalaa Faayidaa waliin walitti hidhuuf sirni to’annoo diriiruus ibsan.

Poolisiin Federaalaa 2030’tti qorannoofi ittisa yakkaa akkasumas hojimaatilee keessoo guutummaatti teeknooloojiin ammayyeessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuufi kunis tajaajiloota poolisii sadarkaa olaanaatti kan guddisuudha jedhan.

Yeroo itti aanutti yaa’iin Poolisii Idil-addunyaa( Intarpool) biyyoonni 196 irratti hirmaatan Finfinneetti akka gaggeeffamu ibsanii, dhaabbatichi sadarkaa Afrikaafi idil-addunyaatti dorgomaafi ammayyaa’aa ta’uusaa agarsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa hojiilee ittisaafi qorannoo yakkaa irrattis teeknooloojii bal’inaan fayyadamaa jiraachuus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.