Diijitaal Itiyoophiyaa 2030’n hojiileen sona Hubannoo namtolchee caalmaatti babal’isuu ni hojjetamu – Warquu Gaachanaa
Finfinnee, Mudde 11, 2018 (FMC) – Diijitaal Itiyoophiyaa 2030’n hojiileen sona Hubannoo namtolchee caalmaatti babal’isuu ni hojjetamu jedhan Daayrekterri Olaanaan Inistityuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa Warquu Gaachanaan.
Sirni bulchiinsa Odeeffannoo bu’aa qabeessi akka jiraatu cimnee ni hojjenna jedhan.
Kanaanis ragaaleen sirnaan gurmaa’an murtoo kennuuf akka oolaan kan hojjetamu ta’uu kaasan.
Kanaan walqabatee Abbaan Taayitaa odeeffannoo biyyaalessaa walabaa gara hojiitti akka galu kan godhamu ta’a jedhan.
Kenniinsa Tajaajiloota Diijitaalaa waldubbisaa fi qajeelaa taasiisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uus ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.