Fana: At a Speed of Life!

Diijitaal Itiyoophiyaan 2025 damee Itiyoo Teeleekoomiin bu’aa hedduu galmeesse – Fireeyiwaat Taammiruu

Finfinnee, Mudde 11, 2018 (FMC) – Diijitaal Itiyoophiyaan 2025 damee Itiyoo Teeleekoomiin bu’aa hedduu galmeesse jedhan hojii Raawwachiiftuu Olaantuun dhaabbatichaa Fireeyiwaat Taammiruun.

Akka fakkeenyaatti lakkoofsa maamiltoota moobaayilaa miiliyoona 97’n gahuun kan danda’ame yoo ta’u, kana keessa miiliyoonni 57 fayyadamtoota Interneetiiti jedhan.

Magaaloonni kumni 1 fi 30 tajaajila 4G argachuu dubbatan.

Tarsiimoo Diijitaal Itiyoophiyaa 2030’n ammoo lakkoofsa maamiltoota moobaayilaa miiliyoona 100 fi miiliyoona 28 gahuu ta’uu kaasuun, tajaajila 5G % 100 qaqqabsiisuudha jedhan.

Kaffaltii diijitaalaa kan amma irra jirurraa dachaa 7’n guddisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetama jechuun ibsan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.