Diinagdee dhiibbaa dandamatu ijaaruu keessatti qonni gahee olaanaa bahataa jira – Obbo Addisuu Araggaa
Finfinnee, Bitootessa 25, 2018 (FMC) -Diinagdee dhiibbaa dandamatu ijaaruu keessatti qonni gahee olaanaa bahataa jira jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaan.
Godina Shawaa Bahaa Aanaa Ada’aatti hojiin kunuunsa misooma midhaanii, sosochiin eegalchiisa misooma midhaanii biyyaalessaa fi daawwannaan gaggeeffameera.
Tiraanisfoormeeshinii qonnaa yaadama ida’amuun durfamaa bu’aa qabatamaa galmeesseera jedhan obbo Addisuu Araggaan saganticharratti.
Damichi hirkattummaa harkaa afaanirraa gara oomisha gabaaf dhiyeessutti ce’uun milkaa’ina olaanaa galmeessaa jiraachuu kaasan.
Maashinaroonni qonnaa hedduun hojiitti galuu eeruun, sadarkaa biyyaatti Tiraakteroonni kumni 27, Kombaayinaroonni kumni 12 fi paampiwwan bishaanii kumni 500 hojiirra ooluun damicha ammayyeessuu dubbatan.
Masaafinti Birilleetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia