Dijiitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dhaabbilee garaagaraa waliin akka hojjetamu ibsame
Finfinnee, Caamsaa 16, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan mu’ata Dijiitaal Itiyoopphiyaa dhugoomsuuf hojii Kalaqaa fi tekinooloojiin deggerame hojiirra oolchuuf qajeeltoo dhaabbilee walfaakkaatoo waliin hojjechuu akka hordoftu Ministirri Muummee Itti aanaan Tamasgeen Xurunah ibsan.
Ministirri Muummee Itti aanaan Tamasgeen Xurunah fi jilli isaaniin durfamu hojii dhaabbilee adda addaa Biraaziil Saa’oo Poolootti argamu erga daawwatanii booda maree bu’a qabeessa geggeessaniiru.
Daawwannaa isaanii kanaanis dhaabbata Xiyyaarota daldalaa, loltummaa fi qonnaa oomishu “Imbiraayer” jedhamu daawwataniiru.
Dhaabbatichi damee indistirii daandii qilleenaan dhaabbilee Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf fedhii akka qabu hubachuu isaaniis obbo Tamsgeen fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti ibsaniiru.
Dabalataan mooraa Paarkii Kalaqa Tekinooloojii ”Saa’oo Joozee Doos” kan daawwatan yoo ta’u, paarkichi yaadawwan kalaqaa jijiiramaa fi rakkoof fala fidan kan akka “startup” fi hojiiwwan giddugaleeyyii fi gurguddaa gochaa irratti xiyyeeffataniin hirmaannaa inni sadarkaa idil-addunyaatti qabu bal’aa ta’uu kaasaniiru.
Mul’ata Dijiitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojii kalaqaa fi tekinooloojiin deggerame kan eegalte Itiyoophiyaanis, qajeeltoo dhaabbilee akkanaa waliin hojjechuu akka hordoftu mirkaneessaniiru.
Paarkichis xiyyeeffannoo itiyoophiyaan tekinooloojii fi hojiiwwan kalaqaaf kennite dinqisiifachuu isaa eeranii, ce’uumsa tekinooloojii fi ogeeyyii ga’oomsuutiin garafuula duraatti walitti dhufeenyaan hojjechuuf kallattiin kaa’amuus ibsaniiru.