Fana: At a Speed of Life!

Dijiitaal Itiyoophiyaa milkeessuuf qonnaan bultoota teeknolojiin wal barsiisuun murteessaadha

Finfinee, Amajjii 18, 2018(FMC) – Sagantaa Dijiitaal Itiyoophiyaa milkeessuuf qonnaan bultoota teeknolojiin wal barsiisuun murteessaadha.

Godina Jimmaatti gurgurtaan xaa’oo karaa dijiitaalaa qofaan akka raawwatamuuf hojjetamaa jira.

Hubannoo qonnaan bultoonni tekinooloojii irratti qaban cimsuuni ammoo qaama hojii kanaati.

Haaluma kanaan godinichatti bara 2017tti xaa’oon kuntaallii kuma 600 ol karaa dijitaalaan gurguramuusaa itti gaafatamaan Ejensii Babali’na Waldaa Hojii Gamtaa godina Jimmaa obbo Dimaamuu Nigaatuu eeraniiru.

Kunis qisaasamaafi hir’ina xaa’oo iddoo garagaraatti mudatu hambisuuf akka gargaaru ibsan.

Gurgurtaa xaa’oo guutumaan guutuutti gara dijitaalaatti jijjiiruuf hojjetamaa akka jirus kaasan.

Kaaafis hojiin hubannoo qonnaan bultootaa cimsuu hojjetamaa jira jedhan.

Itti aanaan bulchaa godina Jimmaa obbo Yesuuf Shaaroon gama isaaniin, sochii dijiitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf qonnaan bultoota teeknolojiin wal barsiisuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Godinichatti daddabarsa maallaqaa dijitaalaan walqabatee waltajjiin hubannoo qonnaan bultootaafi qooda fudhattootaa cimsu geggeeffamaa jira.

Abdurrahmaan Mahammadtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.