Fana: At a Speed of Life!

Dippiloomaasii Lammiileef dursa kenne…

Finfinnee, Bitootessa 22, 2018 (FMC) –Waggoottan jijjiiramaa darban dippiloomaasiin lammiilee irratti xiyyeeffate bu’aa olaanaa argamsiseera.

Jijjiiramaan dura lammiileen biyya alaa jiraatan mootummaan rakkoo isaaniif gurra kennaa akka hin turre maddoota hedduurraa eeruun ni danda’ama.

Akka fakkeenyaatti Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad wayita daawwannaa hojiif biyyoota garaagaraatti imalan jiruuf jireenya lammiilee Itiyoophiyaa biyyoota adda addaa jiraatanii ilaaluu isaanii kaasuun ni danda’ama.

Namoota biyya isaanii keessa jireenya milkaa’a jiraatan jajjabeessuun, akkasumas kanneen rakkoo keessa jiraniif immoo deeggarsa taasisu.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, namoota mana hidhaa keessa turan dabalatee kanneen rakkoo cimaa keessa turan Xiyyaraa keessan turanitti lammiilee kanneen gara biyyattii deebisuun kabaja olaanaa lammiileef qaban gochaan mul’isaniiru.

Mootummaan jijjiiramaa lammiileen gara biyya alaa deemuun akka hojjetaniif keessattuu biyyoota Baha Giddugaleessatti dameelee hojii garaagaraarratti akka hirmaataniif Mootummoota biyyoota kanneenii waliin waliigaltee taasisuun sodaa saaxilamummaa hir’isuun gahee olaanaa bahataa jira.

Haaluma kanaan lammiileen mirgi fi nageenyi isaanii eegame ofii fi maatii isaanii gargaaruu akka danda’an taasifamaa jiru.

Waggoottan darban dhaabbilee garaagaraa waliin ta’uun, lammiileen Baha Giddugaleessatti rakkoolee adda addaa keessa turan gara biyyatti akka deebi’an taasisuuf hojiileen damee heddu hojjetamaniiru.

Keessattuu Ebla 4, 2016 irraa eegalee baatiiwwan sadii walitti aansuun lammiilee Saa’ud Arabiyaa bakkewwan garaagaraa keessa turan kuma 70 ol gara biyyatti akka deebi’an taasisuun hojiin hojjetamee fi bu’aan argame akka fakkeenyaatti kan ka’uudha.

Kanaanis lammiilee gara biyya isaanitti deebisuu qofa osoo hin taane deeggarsi itti fufiinsaan jireenya isaanii akka fooyyeeffataniif gargaaru taasifamaa jira.

Abeel Niwaayiin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.