Dippiloomaasiin magariisaa siyaasaa oli – Dooktar Diimaa Nogoo
Finfinnee, Adoolessa 18, 2017 (FMC) – Dippiloomaasiin magariisaa siyaasaa oli jedhan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Nageenyaa fi Hariiroo Alaa Dooktar Diimaa Nogoon.
Dhiibbaan Jijjiirrama qabeenya qilleensaa dhimma ijoo ta’uu hordofee waltajjiiwwan jijjiirama qabeenya qilleensaa garaagaraa sadarkaa idil addunyaatti gaggeeffamaa turuu ibsan Dooktar Diimaan.
Hojiin Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf hojjetaa jirtu sadarkaa addunyaatti illee bu’aa argamsiisaa jira jedhan.
Hojiin Dippiloomaasii magariisaa siyaasaa ol akka ta’e himuun
Itiyoophiyaan hojiilee ashaaraa magariisaa gaggeessaa jirtu addunyaatti dhaadhessuun hojii dippiloomaasii magariisaa hojjetaa jirti jechuun ibsan.
Hojii hojjettu dhaadhessuurra dabartee biyyoota ollaaf biqiltuu dabalatee deeggarsa garaagaraa taasisaa jiraachuu eeran.
Itiyoophiyaan rakkoo keessa taatee hojiin sagantaa Ashaaraa magariisan hojjette biyyoota ollaaf fakkeenya gaarii ta’a jedhan.
Uumama tiksuun hundarraa eegama kan jedhan Dooktar Diimaan, biyyoonni ollaa Itiyoophiyaan maddoota lageen ishee sirnaan akka kunuunsitu mormuu osoo hin taane horii baasanii tumsuu akka qaban hubachiisan.
Biqiltuun bineensotaaf faayidaa danuu waan qabuuf kunuunsuun itti fayyadamuun murteessaa ta’uu kaasan.
Akka aadaa Oromoottis mukti callisee hin muramu, aadaa fi seera qaba, Oromoon biqilaa tokko yoo mure dachaa isaa bakka buusa jedhan.
Aadaan kun caalmaatti haaromee dhaalootaaf darbuu akka qabu yaadachiisan.
Biyyoonni addunyaa hojiilee misooma magariisaa Itiyoophiyaan hojjetaa jirtu karaalee adda addaan tumsuu akka qaban gaafatan.
Addunyaan yeroo ammaa gara ofittummaatti adeemaa waan jirtuuf gargaarsa argannaaf hojjechuun hinta’u, carraaqqiin ofii murteessaadha jechuun hubachiisan.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.