Dooktar Abiy Ahimad Azarbaajaanitti Ejensii kalaqa hawaasummaa fi tajaajila ummataa daawwatan
Finfinnee, Guraandhala 20, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Azarbaajaanitti Ejensii kalaqaa hawaasummaa fi tajaajila ummataa(ASAN) daawwataniiru.
Daawwannichi Azarbaajan tarsiimoo hubannoo namtolcheen hogganamu babal’isuu fi tajaajila ummataa diijitaalaa ammayyeessuuf qabdu kan mul’isuudha.
Dabalataan Akkaadaamii olaanaa giddugala leenjii hoggansaa fi Injinariingii AI daawwataniiru.
Akkasuma jillichi giddugala qindeessa Gaazii fi Boba’aa kan ta’e tarminaala Saangaachaalii fi naannawaa diinagdee bilisaa daawwateera.
Daawwannaan kun tumsa daldalaa, Annisaa fi ce’umsa diijitaalaa biyyoota lamaan gidduu jiru caalmaatti kan cimsu ta’uu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.