Dooktar Abiy Ahimad baatii Ramadaanaa sababeeffachuun maatii baqattoota waliin sagantaa Afxaraa gaggeessan
Finfinnee, Guraandhala 23, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad baatii Ramadaanaa sababeeffachuun har’a maatii baqattoota waliin sagantaa Afxaraa gaggeessaniiru.
Har’a galgala akkuma barame qalbii Ramadaanaatiin maatii baqattootaa Burundii, Rippabiliika Dimokraarawaa Koongoo, Soomaaliyaa, Afgaanistaan, Ertiraa, Yamaniifi Sudaanii dhufan waliin ifxaaraaf maaddiitti dhiyaanneerra jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.