Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad boru Paarlaamaaf ibsa kennu

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2018 (FMC)- Ministirii Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa boruu gaaffiilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif deebiifi ibsa ni kennu.

Manni Marichaa guyyaa boruu ganama sa’aatii 2:30 irraa eegalee walga’ii idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree 6ffaa bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti ni gaggeessa.

Walga’ichaan haasawaa baniinsaa Pirezidaantiin FDRI Taayyee Asqasillaaseen Fulbaana 26, 2018 walga’ii waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataafi Mana Maree Federeeshinii irratti taasisan hordofee gaaffilee miseensa mana marichaarraa ka’aniif Dooktar Abiy Ahimad deebiifi ibsa ni kennu.

Kana hordofees manni marichaa ejjennoo mootummaa dhaggeeffachuun mooshinii deeggarsaa ni raggaasisaan eegama.

Adeemsi walga’ichaas tamsaasa kallattiin kan darbu ta’uu manni marichaa Faanaa Dijitaaliif ibseera.

Walga’ii kanarratti Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa Finfinneetti argaman, hoggantoonni dhaabbilee idil-addunyaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, bakka buutonni paartilee dorgomtootaafi keessummoonni biroon ni argamu jedhameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.