Dooktar Abiy Ahimad Daayrektara Olaanaa Ejensii Anniisaa Atoomik Idil-addunyaa Maariyaanoo Giroosii waliin mari’atan
Finfinnee, Waxabajjii 23, 2017(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Daayrektara Olaanaa Ejensii Anniisaa Atoomik Idil-addunyaa Maariyaanoo Giroosii waliin mari’ataniiru.
Deeggarsi Anniisaan Atoomikii Idil-addunyaa Itiyoophiyaatti taasisu wal’aansaafi kunuunsa dhibee kaansarii, fayyaa beelladaa, titiisa gammoojjii dhabamsiisuu, injinariingi niwukilaraa fi hammattoowwan to’annoo irratti kan xiyyeeffate ta’uu Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.
Mariin isaanis deeggarsa taasifamaa jiruuf carraawwan tumsaa gara fuuldurraarratti kan xiyyeeffatedha jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.