Dooktar Abiy Ahimad ergaa baga geessanii dabarsan
Finfinnee, Mudde 28, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ayyaana Qillee sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Baga guyyaa dhaloota Iyyesuus Kiristoosiin nagaan geessan jedhan.
Ayyaana bara kanaa wayita kabajnu waadaan abdii inni dubbate gahuu, ifni jijjiiramaa eegaluu fi barri ce’umsaa dhiyaachuu amanaati jedhan.
Imalli keenya qormaataan kan guutame ture, rakkoo fi gidiraa abdii nama murachiinsa keessummeessineerra.
Qormaanni guutummaatti nuuf hin malu jechuu baannus, guyyaa jala bultii abdiin keenya dhalaturra geenyerra.
Barri rakkoo darbuun, barri olka’iinsaa akka dhufe onnee guutuun dubbachuu dandeenya jedhan ergaa isaaniin.
Dhalachuun Iyyesuus Kiristoota kaleessa waliin kan deemu, egeree kan fayyiseedha.
Addaamii hanga dhaloota Iyyesuus Kiristoositti wanti raawwate hundi gatii kan argate sababa dhalachuu isaanii jedhan.
Jireenyi dhala namaa dhaloota Kiristoosiin booda qajeelaa ta’e, Kiristoos kaleessaa fi har’a gidduu kan jiru har’’a ta’ee lamaanuu araarseera.
Kanaaf dhalachuu Iyyesuus Kiristoos haala olaanaan kabajna jechuun ibsan.
Osoo Kiristoos dhalachuu baatee raajoonni raajii dubbatan, luboonni wareegama kaffalan, abboonni waadaa fudhatan, abdiin dhala namaa seenaa qofa ta’ee hafa ture.
Qaroominni dhalli namaa gara fuulduraatti raawwatan, hojiileen qulqullummaa fi gaarummaa hundi hin jiraatu ture.
Kaleessa qulqulleessuun, egeree waliin kan deemu Kiristoos har’a dhalateedha.
Barnoota guddaa kana hubachuutu nurraa eegama.
Kaleessa seenaa guddaa, hambaa jabaa fi duudhaa heddu qabaannus har’a yoo baleessine gatii hin qabu jechuun eeran ergaa isaaniin.
Baabiloosii fi Faaris, Atteenaa fi Room, Suumeerii fi Meesoopootaamiyaan Guddummaan kaleessaa har’a hin qaban.
Isaan kaleessa qaban, har’a garuu hin qaban, har’a dhabuun isaanii yaadannoo kaleessaati, boruun isaanii abjuu ta’eera.
Yaadannoo malee guddina hin qaban.
Itiyoophiyaan biyya guddoo turte.biyya qaroomina jajjaboo turte,biyya mootootaa fi ummata jajjaboo turte.biyya aadaa guddaa fi hambaalee raajii turte.
Gaaffiin har’a hoo kan jedhuudha.har’a hiyyummaa, booddetti hafummaa, beelaan kan rakkannu yoo ta’e seenaan keenya hin madaalu jedhuudha.
Olka’iinsi har’aa kan kaleessaa dabalata. Salphinni har’aa ammoo kan kaleessaa dabalatee salphina ta’a.