Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Giddugala Qorannoo ammayyaa eebbisuun hojii eegalchisan

Finfinnee, Bitooteessa 26, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad giddugala Qorannoo ammayyaa eebbisuun hojii eegalchiisaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Dirree Saayinsii Itiyoophiyaa fi Afrikaa keessatti boqonna haaraa kan banu giddugala qorannoo ammayyaa eebbisuun hojii eegalchiifneerra jedhan.

Dhaabbanni ammayyaa mooraa Dhaabbata Qorannoo Armaawar Hansan keessatti ijaarame kun ijaarsa bu’uuraalee misoomaa irra darbee Giddugala beekumsaa Itiyoophiyaa of dandeessee fi fayyaalessa taate dhugoomsuuf tattaafatu jedhan.

‎Giddugalli qorannoo kun laabiraatooriiwwan 40, jiinoomaaksii olaanaa (genomics) fi iddoowwan baayoo infoormaatiksii (bioinformatics) akkasumas giddugala qulqullinaafi ga’umsa qorichoota biyya keessatti oomishamanii mirkaneessu (bioequivalence) kan hamate ta’uu eeraniiru.

Dabalataanis dhaabbatichi dandeettii qophaa’ummaafi deebii kennuu balaawwan tasaa ijaaruun dagalee ta’ee tajaajila jechuun ibsaniiru.

Giddugalichi qorannoo gara imaammataa, kalaqa ammoo gara furmaata qabatamaatti jijjiiruun oomisha qorichaan of danda’uuf, nageenya fayyaa waaraa mirkaneessuufi milkaa’inoota hanga ammaatti galmaa’an guddisuuf akka gargaaru eeraniiru.

Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.