Dooktar Abiy Ahimad godina Halaabaa Aanaa Weeraa Diijootti ijaarsa mandarooota moodela baadiyyaa eegalchiisan
Finfinnee, Caamsaa 25, 2017(FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa godina Halaabaa Aanaa Weeraa Diijootti ijaarsa mandaroota moodela baadiyyaa eegalchiisan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, jireenya hawaasa baadiyyaa fooyyessuuf kan eegalame misoomni kooriidarii baadiyyaa bakkeewwan hundatti babal’achaa jira jedhan.
Mandaroonni moodela baadiyyaa baasii xiqqaa kan gaafataniifi galteewwan naannawaatti argaman irraa kan ijaaraman yoo ta’u qonnaan bulaanis fayya qabeessaafi jireenya kabaja qabu akka jiraatu dandeessisa.
Naannawichatti lafa heektaara kuma 2 ol irratti sanyiin boqqolloo filatamaan baay’ifamaa; misoomni kuduraafi muduraa gaggeeffamaa akka jiruufi kunis naannoo Kanaan dura lolaafi gogiinsaan beekamu fakkeenya misoomaa taasisa jedhan.