Dooktar Abiy Ahimad Godina Qeellam Wallaggaatti hojiilee misoomaa daawwatan
Finfinnee, Guraandhala 11, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Godina Qeellam Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaaniitti hojiilee misoomaa daawwataniiru.
Dooktar Abiy Ahimadii fi hoggantoonni olaanoon biroo aanichatti Muuzii sagantaa maaddii guutuun misoome daawwataniiru.
Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Qonnaan Bultoonni cichoomina olaanaa, qindoominaa fi tumsaan naannawaa isaanii hojiin jijjiiranii arguu kooti gammadeera jedhan.
Hojiin qonnaa daawwanne lafa naannawaa fi qabeenya bishaanitti sirnaan fayyadamuu yoo dandeenye jijjiirama hiika qabu fiduun akka danda’amu agarsiiftuu ta’uu himaniiru.
Misooma jallisii aadaatti fayyadamuu fi qabeenya dhihoo jiru faayidaarra oolchuun bu’a qabeessummaa hawaasaa fi giddugala qonnaa abdachiisaa uumuun kan danda’amu ta’uu ibsaniiru.
Keessattuu bu’uuraaleen misoomaa daandii qonnaan bultoonni oomisha isaanii karaa salphaa ta’een gabaaf akka dhiyeessaniif carraa uume kan jajjabeeffamu ta’uu kaasaniiru.
Guddinni kun tattaaffii misoomaa fedhii fi dandeetti hawaasa naannawichaa waliin yoo wal simu bu’aa argamuu danda’u ifatti kan mul’isuudha jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.