Dooktar Abiy Ahimad Godinaalee Halaabaa fi Kambaataatti Qa’ee moodeela Baadiyyaa hojjetaman dabarsan
Finfinnee, Fulbaana 28, 2018(FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Godinaalee Halaabaa fi Kambaataatti Qa’ee Moodeelaa Baadiyyaa tajaajila tola ooltummaan hojjetaman dabarsan.
Qa’eewwan moodeela baadiyyaa hojii tola ooltummaa gannaan hojjetaman dabarsineera jedhan Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Qa’eewwan kunneen jireenya qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa fooyyeessuuf tattaaffii godhamaa jiruuf jalqabii abdii namatti horuudha jedhan.
Manneen kanneeniif humni /anniinsaan aduu kan hidhamaniif, baayoo gaazii kan qaban, Golawwan adda addaa, manneen fincaanii, kutaalee tajaajila biroo kan guuttatan ta’uu eeran.
Qulqullina mirkaneessuu fi haala jireenyaa fooyyessuuf moorawwan horii hojjetamuufis ibsaniiru.
Qa’eewwan Misooma Koriidarii baadiyyaa kunneen qaama abjuu haala jireenya baadiyyaa jijjiiru ta’uu kaasan.
Waggoottan torban darban lammiilee harka qalleeyyii magaalaa keessa jiraataniif manneen jireenyaa hojii tola ooltummaan hojjechuun dhiyeessaa turreerra.
Yeroo ammaa kana ammoo Misooma Koriidarii baadiyyaa babal’isuu eegalleera jechuunis ibsaniiru.
Namoonni dhuunfaan, dhaabbilee fi hawaasni diyaaspooraa hojiilee kanneen akka tumsanii fi irratti hirmaatan waamicha koon dhiyeessa jedhan.
Daawwannaa koo yeroo darbeen hojii manee kennameef fudhachuun hoggantoota humna ofiin yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa Gaara Hambarichoo dachaan hojjechuun xumuraniif galanni koo guddaadha jechuunis galata galchaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.