Dooktar Abiy Ahimad ijaarsa Indaastirii Qindaa’aa Nyaataa Buusaa Gonofaa Oromiyaa eegalchiisan
Finfinnee, Guraandhala 12, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ijaarsa Indaastirii Qindaa’aa Nyaataa Buusaa Gonofaa Oromiyaa eegalchiisaniiru.
Indaastirichi daakuu boqqoolloo fi Atooboonsituu, akkasuma bu’aalee daakuu boqqoolloo 14 akka qindeessuuf karoorfamuu ibsan.
Piroojektichi wayita hojii eegale guyyaan daakuu boqqoolloo toonii kuma 2 fi kan Atooboonsituu toonii 120 oomishuuf dandeettii kan qabu ta’uu eeran.
Lammiilee kuma 6 fi 500 ol ta’aniif carraa hojii dhaabbii fi yeroo ni uuma jedhan.
Qonnaan bultoota naannawaa, waldaalee Hojii Gamtaa fi oomishtoota dhuunfaa walitti hidhuun carraa gabaa bal’aa uumuun diinagdee naannawichaa kan guddisu ta’uu eeran.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.