Dooktar Abiy Ahimad Magaalaa Jigjigaatti hojiilee misoomaa daawwatan
Finfinnee, Fulbaana 21, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Magaalaa Jigjigaatti hojiilee misoomaa daawwataniiru.
Magaalaan Jigjigaa har’a daawwanne kan Baatii Amajjii darbe daawwanneerraa waa hedduun jijjiiramuu ibsan.
Guutuu magaalattiitti manneen jireenyaa haaraan hedduun ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, piroojektoonni misooma Koriidarii naannawaa hundatti haala jireenyaa ifatti fooyyessaa jiru jedhan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanin dabarsaniin.
Magaalota wayita ammayyeessinu har’a qofaaf osoo hin taane egereef bu’uura kaa’uu ta’uu hubatamuu qaba.
Haala kanaan naannoon Somaalee carraalee Tu1urizimii haaraa banaa jirti.
Piroojektiin Maaddiin biyyaaf xumuramaa jirus Baha biyyattiif gatii haaraa dabaluuf carraa bana jedhan.
Waliigalaan hojiileen daawwanne guddina magaalaa Jigjigaa fi guutuu naannawichaatti si’oominnni jiraachuu kan agarsiisu ta’uu dubbatan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.