Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Mana Kitaabaa Immirtaa daawwatan

Finfinnee, Guraandhala 30, 2018 (FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Mana Kitaabaa Immirtaa Magaalaa Dirre Dhawaatti ijaarame daawwataniiru

Manni Kitaabaa Immirtaa galii gurgurtaa Kitaaba Ida’amuu fi bulchiinsa  magaalaa Dirre Dhawaarraa argameen Piroojektii ijarameedha.

Manni Kitaabichaa lafa karee kuma 1 olirratti kan ijaarame yoo ta’u, bu’uuralee misoomaa hunda kan guuttateedha.

Abbaa darbii 3 kan ta’e manni Kitaabaa Immirtaa kanneen tajaajila dubbisa kitaabaa barbaadaniif haala mijataa kan qabuudha.

‎Iddoolee dubbisa qaroo dhabeeyyii, giddugala ICT fayyadamtoota fedhii addaa, iddoo dubbisa dareen alaa, bakkeewwan dubbisa dhuunfaa fi garee, kutaalee qorannoo, akkasuma kutaalee Konfiraansii kan hammateedha.

Manni Kitaabaa Immirtaa kun yeroo tokkotti namoota kuma 1 oliif tajaajila kennuu kan danda’uudha.

Kitaabilee miiliyoona 1 ol qabachuu akka danda’u ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.