Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad masaraa Mootummaa Faasil haaromfamaa ture eebbisiisan

Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad fi Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoon masaraa Mootummaa Faasil haaromfamaa ture eebbisiisaniiru.

Wajjirri Ministira Muummee ergaa miidiyaa hawaasummaa isaan dabarseen Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoon hoggantoota mootummaa olaanoo waliin ta’uun masaraa mootummaa Faasil haaromfamaa ture eebbisiisuu ifoomseera.

Hojiin haaromsa isaa akkaataa seenaafi miidhaginaa isaa eegeen akkasumas gahumsa isaa fooyyessuun hojjetamuu eereera.

Hojii haaromsaa kanaan caaseffama ijaarsa masarichaa suphuu, daandiiwwan imaltoota lafoo fooyyessuu, gamoowwan ijoo ta’an meeshaalee aadaa birbirsaafi waddeessa irraa hojjetaman fayyadamuun bifa masarichaa eeguuf hojjetameera jedhe.

Iddoowwan daawwattootaaf tajaajila kennanis sadarkaa olaanaan fooyya’uu eeruun, giddugalli daawwattootaa haaraan banamuus ibseera.

Manneen fincaanii ammayyaa, ibsaawwan fooyya’oon fi sirnoonni nageenyaas hojjetamuu Waajjirichi eereera.

Masaraawwan Atse Faasil, Atse Yohaannis fi Atse Iyyaasuu akkasumas riqichoonni, iddoowwan dhiqannaa, karrawwan seena qabeeyyiifi kanneen biroon of eeggannoon haaromfamuu yaadachiiseera.

Dabalataan naannawichatti lafti iskuweer meetiriin kumni 40 miidhagfamuu kaasuun, kunis daawwattootaaf naannawaa hawwataa uumeera jedhe.

Hojiin haaromsa masarichaa waggaa tokkoo gadi fudhachuu yaadachiisuun, haala waggoota dheeraaf eegamee turuu danda’uun hojjetamuu hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.