Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Maaleezhiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 10, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Maaleezhiyaa Daatoo Sirii Anuwaar Biin Ibraahiim waliin mari’atan.

Dooktar Abiy Ahimad gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, bara darbe Maaleezhiyaatti Daawwannaa hojii ergan taasisee waggaa tokko booda Ministirri Muummee Federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Sirii Aniwaar Biin Ibraahim Itiyoophiyaatti simadheera jedhan.

Waljijjiiraan daawwannaa kun michummaa keenyaa kan ibsuu kunis sanadoota guguddoo mallatteessuun cimeera jedhan.

Waliigaltee sanadaa kunis damee tuurizimii, fayyaa, tajaajila geejjiba qilleensaa fi mana maree magaalaa Kuwaalalaampuurifi magaalaa Finfinnee gidduurratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.

Marii gamlamee taasifameenis tumsa qabnu caalmaatti cimsuufi babal’isuuf murannoo waloo qabnu mirkaneessineerra jedhan Dooktar Abiy Ahimad.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.