Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad muudama Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warradee waggaa tokkoof dheeressan

Finfinnee, Bitootessa 30, 2018 (FMC) – Dooktar Abiy Ahimad Eebla 1, 2018 irraa eegaluun muudama Pirezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warradee waggaa tokkoof dheeressaniiru.

Waajjirri Ministira Muummee gama miidiyaa hawaasummaa isaan akka beeksisetti, Akkaataa heera mootummaa RDFI keeyyata 62(9) fi labsii lakkoofsa 359/1995 keeyyata 14 keeyyata xiqqaa 2(B)’n Bulchiinsa Yeroo Tigraay Pirezidaantummaan akka gaggeessaniif danbii lakkoofsa 479/2013 keeyyata 4(2) Mana Maree Ministirootaan ragga’eefi gabaasa raawwii waggaa dhiyeessaniin Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Eebla 1, 2018 irraa eegalee muudama Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warraddee waggaa tokkoof dheeressaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.