Dooktar Abiy Ahimad Paaris galan
Finfinnee, Caamsaa 14, 2017 (FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Daawwannaa hojiif Faransaay Paaris galaniiru.
Godaambaa Humna Waraanaa biyyaattiitti simannaan taasifameefira.
Daawwanaa isaaniin Pireezidaantii Faransaay Imaanuu’eel Maakroon waliin kan mari’atan ta’uu ragaan Waajjira Ministeera Muummeerraa argame ni mul’isa.