Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Paarkii Ispoortii Addis eebbisan

Finfinnee, Bitootessa 26, 2018(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Paarkii Ispoortii Addis eebbisaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, agarsiituu waadaaa haaromsa magaalaa keenyaa saffisiisuufi kabaja lammiilee keenyaa deebisuuf seenne kan ta’e Paarkii Ispoortii Addis ifatti eebbisuun banneerra jedhan.

Pirojektiin lafa heektaara 5.7 irratti ijaarame kun siidaawwan kabajaa atileetota 15 olompiikii irratti biyyattiif meedaaliyaa warqee argamsiisanii walakkaa Paarkichaa dhaabuun seenaan gootota keenyaa dhaloota itti aanuuf fakkeenya ta’ee akka itti fufu godha jechuun ibsaniiru.

Paarkichi bakka daakaa bishaanii sadarkaa olompiikii eeggate, dirree kubbaa miilaa sadarkaa isaa eeggate, bu’uuraalee misoomaa kubbaa saaphanaafi dirree teenesii akkasumas tiraakii fiigichaa meetira 800 dabalatee tokkoon tokkoo kutaalee giddugalichaa ulaagaalee idil-addunyaa haala guuteen ijaaramuu eeraniiru.

Giddugalli misoomaa dhugaan hawaasa irratti ta’uu qaba kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, pirojektiin kun tajaajila Ispoortiirra darbee kutaalee hawaasaa sababa misooma Kanaan ka’aniif suuqiiwwan haaraa 105 akkasumas pilaazaa bal’aa namoota kuma 3 keessummeessuu danda’u akka qabu ibsaniiru.

‎Kana malees paarkichi mana lafa jalaa iddoo dhaabbii konkolaataa yeroo tokkotti konkolaattota 300 dhaabuuf dandeessisu, misooma qarqara lagaa waliin kan walitti hidhame ta’uu eeruun, kutannoo Itiyoophiyaa qulqulluufi ammayyoofte dhugoomsuuf eegalle kan agarsiisudha jedhan.

Itiyoophiyaa guddittii qabatamaa ni ijaarras jedhaniiru ergaa isaaniin.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.