Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaanti Siriil Raamaafoosaa waliin mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 13, 2018 (FMC)_ Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa waliin mari’ataniiru.
Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin,yaa’ii biyyoota miseensa G20 dursee Pireezidaantii biyyaatti kan ta’an Siriil Raamaafoosaa waliin walargineerra jedhan.
Yaa’iin hoggantoota biyyoota miseensa G20 Afrikaatti qophaa’uu fi dhimmoota biroo akkasumas yaa’icharratti sagalee waloo Afrikaa fi akkaataa fedhiin waloo dhiyaaturratti mari’achuu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.