Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaanti Wiiliyaam Ruutoo waliin mari’atan
Finfinnee, Mudde 14, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo waliin mari’ataniiru.
Ministirri MMuummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa Pirezidaantii keeniyaa daawwannaa hojii guyyaa tokkoof dhufan simadheera jedhan.
Daawwannaan isaanii hariiroo cimaa, seena qabeessaafi obbolummaa biyyoota lameenii kan calaqqisiisu ta’uu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.
Mariisaaniin haala hariiroo biyyoota lameenii cimsuun danda’amurratti akkasumas dhimmoota nageenyaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaa irratti mari’achuu eeruun, kunis ejjennoo waloo cimaa nageenyaafi tasgabbii, mariifi furmaatawwan qajeeltoo Afrikaa irratti qabnu kan agarsiisudha jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.